Waaldaa Aksiyoona Ijaarsa Walaabuu

Mootummaan Naanno Oromiyaa waggoota darbe keessatti hojiiwwan gurguddaa gama misoomaa, siyaasaa fi hawaasummaatin hojjatamniin naannoo keenya keessatti misoomni ariifataan uummatni sadarkaa sadarkaan irraa fayyadamu galmaa’aa jira.

Haaluma kanaan, Mootummaan keenya rakkoowwan hawaasa dinagdee uummatni keenya qabu hundee irraa hiikuuf pirojektootni adda addaa baajata Mootummaa, hirmaannaa uummataa fi deeggarsa dhaabbilee adda addaatiin karoorfamanii hojjatamuun uummatni akka irraa fayyadamu ta’ee jira.

Sochiiwwan misooma egeree biyya keenyaa fi uummata keenya dhugoomsuuf; gama mootummaatin diriirfaman keessaa, warraqsi dinagdee ykn “economic revolution” gahee ol’aanaa qaba.

Dhaabbilee ijaarsaa kallatti jijjiiramaa biyyi keenya qabatee imalaa jirtu cinaa dhaabbachuuf mul’ata guddaa akka biyyaattis ta’ee, akka gaanfa Afrikaatti qabatee hoji dhabdummaa seenaa gochuuf socha’aa jiruu fi yeroo gabaabaa keessatti Waaldaa Aksiyoona Ijaarsa Walaabuu (WAIW) ji’a bitootessaa bara 2010 tti Mootummaa Naannoo Oromiyaatin dinagdee naannoo oromiyaa gama hundaan cimsuuf dhaabbilee/waaldaalee warraqsa dinagdee naannoo Oromiiyaa boqonnaa haaraatti ceesisuuf hudeeffaman keessaa isa tokkoodha.

WAIW kunis kan hundeeffameef Hojiiwwan ijaarsa daandii, Hojiiwwan ijaarsa riil isteetii, Hojiiwwan ijaarsa gamoolee, Hojiiwwan ijaarsa daandii Baaburaa, Hojiiwwan ijaarsa bishaanii, Hojiiwwan ijaarsa buufata xiyyaaraa, Hojiiwwan suphaa adda addaa fi kkf bifa gahuumsa qabuu fi sadarkaa isaa eeggateen hojjachuun itti qufiinsa maamilaa mirkaneessuun abbaa qabeenyaa heddu horachuun naannoo misoomte uumuudha.

Haaluma kanaan, yeroo gabaabaa keessatti hojii boonsaa hojjachuun abdii gara fuulduraaf qabu dhaaba cimsachaa jiruudha. Hojiiwwan gurguddoo hanga ammaatti Waldaan Aksiyoona Ijaarsa Walaabuu hojjate fi haala waliigalaa dhaabbatni kuni ammaan kana irra jiru akka asii gadiitti gabaabinaan ibsinee jira.

MUL'ATA

Waldaan Akisiyoona Ijaarsa Walaabuu bara 2015 ALItti biyya keessatti akkasumas, bara 2020 ALItti Afrikaa keessatti adda duree kaampaanotaa ta’e arguu dha.

ERGAMA

Kaampaanii ijaarsaa dorgomaa ta’e uumuun carraa hojii lammiileef banuun qabeenya akka horatan gochuu, akkasumas bu’uuraalee misoomaa babal’isuun fayidaa uummataa milkeessuu dha.

DUDHAALEE

  • Hojjataan keenya qabeenya murteessaadha,
  • Giddu galeessi hojii keenyaa itti quufinsa maamiloota keenyati,
  • Naamusa kabajuun ejjannoo waldaa keenyati,
  • Malaammaltummaa cimsinee balaaleffanna
  • Qulqullinni giddu galessa hojii keenyatti,
  • Jijjiiramaaf hojjanna.
  • TOP